Keessummoonni sun ni aaran. “Waan akkamiiti kuni? Godoo kana...
Keessummoonni sun ni aaran. “Waan akkamiiti kuni? Godoo kana keessatti dararamuu manna, osoo bosona keessatti bokkaan nu reebee wayya.” Jechuun dubbatan. Homaa gochuu waan hin dandeenyeef balbala sana yeroo banan harreen bokkaan reebame ol seene. Abbaan manaa sunis harricha gidduu galchee eerga dhaabeen booda, keessummoonni sun lamaaniifi haati warraansaa itti naanna’anii akka dhaabbatan eerga taasiseen booda akkana jedheen. “Ilaalaa! Waanti isiniif hin galle tokko jira. Harreen kiyya akka Falaasaa wayiiti. Waanta barbaaddan ittiin jedhaa! Homaa isatti hin fakkaatu. Callisaan gadi fageessee yaadee yeroo xummuree waanta hundumaa tuffatee dhiisa. Harree salphaa hin se’iinaa; waanta barbaaddan ittiin jedhaa! Qeeqaa; itti qoosaa! Homaa isatti hin fakkaatu.” Jedhee deebiseef.
Maarree Oshon durdurii kanaan duuka buutota isaa barsiisa. Waanta dhaamuu yaade isatu beeka.
Isinoo maal irraa barattan?
Maddaa: Barreeffamota Bilisummaa Shibbiruu
Similar channels




