#Godoo_HiyyeessaafiMasaraa_Moototaa Oshon durdurii warra ...
#Godoo_HiyyeessaafiMasaraa_Moototaa
Oshon durdurii warra suufii tokko akka yaadatu dubbata. Durduriin sunis kan armaan gadii kanadha.
Bara tokko haadha warraafi abbaan warraa harka qalleeyyii mana akkaan jigduufi dhiphoo taate keessa jiraatu ture. Abbaan warraa mana sanaa muka falaxee gurguruudhaan itti jiraatu ture. Manni jarreen kanaa daran dhiphachuurraan kan ka’e isaafi haadha warraasaa irraan kan hafe nama biraa hin dabalatu ture. Haaluma kanaan osoo jiranii guyyaa tokko galgala bokkaa hammaataan roobaa ture. Haati warraafi abbaan warraa sunis osoo taa’aa jiranii balballi rukutame. Yericha haati warraan gara balbalaatti siqxee ciiftee jirti ture.
Abbaan warraan sunis immoo “Balbala kana bani! Bokkaansaa akkaan hammaataadha. Dukkannisaas hamaadha. Bosona keessa bineensonni hamoon jiru. Dafii bani balbala kana!” jedhe. Haati warraanis deebistee, “Bakki hin jiru bar!” jetteen. Abbaan warraa sun itti fufuudhaan kokkolfaa akkas jedhe. “Haadha warraa kiyya! Kuni bar masaraa moototaa mitiim. Kan yeroo hundumaa hanqina bakkaa qabu. Kuni godoo hiyyeessaati. Kan daangaa bakkaas hin qabne. Lama ta’anii kan keessa ciisan, sadi ta’anii kan keessa taa’an. Bakki hin dhibu. Bakka ni uumna. ‘Dafii bani!’ siin jechaan jira; namicha bokkaan reebaa jira bar!” jedheen.
Haati warraan sun balbala yeroo bantu namichi tokko ol seene. Baay’ee isaan galateeffatee eerga xummureen booda sadan isaaniiyyuu mana dhiphoo sana keessa taa’anii haasa’uu eegalan. Sadi ta’anii rafuudhaaf haalli mana sanaa waan hin mijanneef taa’anii haasa’uu itti fufan. Osuma isaan haala kanaan taa’anii haasa’aa jiranii, ammas irra deebiidhaan balballi rurrukutame. Kara balbalaatti aanee kan taa’ee jirummoo keessummaa isaan bira dhufe sana ture.
Abbaan manaa sunis immoo, “Haadholee balbalicha bani! Keessummaa karaan harkaa bade kan biraan rurrukutaa jira.” Jedhe keessummaa sanaan. Keessummaan sunis immoo mataasaa raasaa “Ati nama ajaa’ibda. Bakki hin jiru bar!” jedhe. Abbaan warraan sunis immoo deebisee, “Haati warraan kiyyas kanuma naan jechaa turte. Yeroo ati balbala rurrukutte ishiinis ‘Bakki hin jiru’ jette. Waanta ishiin jette osoon dhagaheera ta’ee yoona kana ati bineensota bosonaatiin nyaatamtee ture. Immoo ciisuu dhiisnee kan teenye sababa keetiin akka ta’e hin hubanne natti fakkaata. Guyyaa guutuu dadhabaa oolla. Ani daldalaa qoraaniiti. Muka falaxaa oolee gabaa geessee gurguree guyyaatti yeroo tokkollee yoo nyaanne gahaadha. Isa dhiisiitii balbala sana bani. Godoon kun kankee seetee? Namoonni sadi itti mijatee eerga taa’anii nama afuritti immoo yoo nuuf mijachuu baatellee walitti sissiqnee taa’uu hin dadhabnu. Walitti dhiyaannee waan teenyuuf afuurri keenya nutti hoo’a. Qorra waanti jedhamu nu hin argatu. Banin siin jedhe bar!”
Keessummaan sunis filannoo homaa waan hin qabneef osuma mormuu balbala sana bane. Namni tokko ol seenuudhaan baay’isee isaan galateeffatee taa’e. Bakki hafe homtuu hin jiru. Osuma isaan walitti siqanii taa’uudhaan haasa’aa jiranii, ammas balballi bifa adda ta’een rurrukutame. Haati warraaniifi keessummoonni lamaan callisanii taa’an. “Ammas balbala banaa jedha!” jechuun sodaatanii, callisanii osoo taa’aa jiranii, kan isaan sodaatan hin oollee abbaan manaa sunis “Balbalicha banaa. Eenyu akka rurrukutaa jiru bareera. Harree kiyyadha. Addunyaa bal’aa kana irratti hiriyaankoo tokkichi harree tiyyadha. Qoraankoo naaf baatee gabaadhaan kan naaf gahu abbaan oolmaa kiyyaa ala taa’ee, akkam bokkaadhaan reebama? Isa dhiisaatii isiniyyuu galtanii jirtu. Balbalicha banaa!” jedhee dubbate.
“Keessummaan sadaffaan galuufidha jechuudhaa? Alana keessa baate. Harreen sun eessa dhaabata?” jechuun keessummoonni lamaaniyyuu ni morman. Abbaan warraan sunis itti fufuudhaan, “Siniif hin galle jechuudha. Kun godoo hiyyeessaati. Yoomiyyuu taanaan bakki hin dhibu. Amma teenyee jirra; Harrichi yeroo dhufummoo hundi keenya ni dhaabanna. Inumaayyuu dhaabannee isa simanna. Sana booda Harreen kiyya nu gidduu dhaabata; nutimmoo itti naannofnee dhaabanna. Bifa kanan isattis ni hoo’a. Hagam akka isa jaalannes isaaf gala.” jedhe.
Similar channels





